Odeeyfannoo Biyyaa

Madrasaan Ilmu Diiniyyaa magaalaa Sanbateetti eebbifame

Naannoo Amaaraa godina addaa Oromiyaa aanaa Jillee Dhummuugaa magaalaa Sanbateetti kan ijaaramaa ture madrasaan Ilmu-Diiniyyaa October 5,2019 eebbifame. Madrasaan kun gamoo abbaa tokkoo fi kutaalee barnoota 14 kan qabu yoo tahu, abbaa qabeenyaa Haaj Ahmad Bashiiriin ijaarame. Ijaarsi walumaagalatti Birrii miliyoona 7 fixuu beekameera.

Sagantaa eebba Madrasaa kanaa irratti abbaa qabeenyaa Haaj Ahmad Bashiir dabalatee, keysummoonni iddoo gara garaa irraa afeeraman akkasuma hawaasni Muslimaa naannichaa argamanii jiran.

One Comment

Comment

Related Articles

Back to top button