header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Ameerikaan Kaampaaniiwwan Chaayinaa meeshaalee basaasaa omishan irra qoqqobbii keette

Ameerikaan dararaa mootummaan Chaayinaa Muslimoota Wiigar dabalatee gareewwan biroo lakkoofsaan xinnaa tahan irratti raawwatu mormuun,  dhaabbilee basaasa Chaayinaa fi Kaampaaniiwwan biyyattii meeshaalee basaasaa omishan irra qoqqobbii kaayuu beeksiste. Waajjirri Daldala  Ameerikaa ibsa baseen,  ejansiiwwan basaasaa mootummaa Chaayinaa 20 fi kaampaaniiwwan meeshaalee basaasaa omishan 6 galmee dhaabbilee sarbamiinsa dhala namaa keessatti hirmaatan irratti kan galmeesse tahuu ibse.

 

Dhaabbilee mootummaa Chaayinaa qoqqobbiin irra kaahame jiddu, Waajjirri Odeeyfannoo fi Tikaa Bulchiinsa Naannoo Wiigar, Waajjiraalee Poolisii fi Ejansiiwwan  Basaasa Naannichaa 19, akksumas dhaabbileen daldalaa heddu kan keessatti argaman tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Ibsi mootummaa Ameerikaa kun akka jedhutti,  dhaabbileen basaasaa fi daldalaa kunniin dararaa mootummaan Chaayinaa Muslimoota Wiigar, Khazaak fi kanneen biroo irratti raawwataa jiru kallattiin kan deeggaraa jiran yoo tahu, Kaampaaniiwwan teeknolojii meeshaalee basaasaa omishuun mootummaa Chaayinaatiif kan dhiheessaa jiran akka taheefi,  ejensiiwwan basaasaa ammoo meeshaalee kanneenitti fayyadamuun dararaa raaawataa jiran.

 

Labsiin Ameerikaa kun kaampaaniwwan qoqqobbiin irraa kaahame, dhaabbilee Ameerikaa waliin hariiroo tokkollee akka hin qabaanne, keessummattuu meeshaalee omishaaf isaan barbaachisu Ameerikaa irraa akka hin bittanne uggura.

 

Mootummaan Chaayinaa Murtii Ameerikaa kana ilaalchisee ibsa baaseen, labsichi wal dhabbii daldalaa biyyoota lamaan jiddutti hammaataa dhufe furuuf, marii torbee dhuftu Washington DC keessatti karoorfame irratti dhiibbaa godhuuf tahuu ibsuun, Ameerikaan dhimmicha hatattamaan sirreessuu qabdi jedhe.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button