Odeeyfannoo Biyyaa

BADHAASA NOOBELII

Badhaasni Noobelii yoom jalqabe?

Badhaasni Noobelii bara 1895 nama maqaan isaa Alfred Nobel jedhamu kan lammii Iswidiin ta’een jalqabame. Alfred Nobel nama ogummaa Injinarummaa, Chemistry, hojii daldalaan milkaa’e tahuutu himama. Bara 1901tti yeroo jalqabaatiif dameewwan 5 Chemistry , Hog-barruu, nagayaafi fayyaa irratti badhaasni kun keenname.

Badhaasni kun nama akkamiitiif kennama?

Badhaasni kun wagga waggaan kan kennamu yoo tahu, namoota ummata isaanii fi addunyaaf gama dameewwan barnoota Physics, Chemistry, fayyaa fi hog-barruu irratti argannoo haraawa argatanii fi nagaya biyya isaanii eegsisuu irratti namoota hojii guddoo hojjetan wal dorgomsiisuun nama injifateef kennama.

Dameewwan badhaasni kun itti kennamu jidduu badhaasni Noobelii nagayaa(Nobel peace Prize) koree Norweyiin kennama. Ammoo kan Saayinsii fi ogummaa garagaraa irratti kennamu koree badhaasichaa Iswidiin irraa kennama.

Akkasumas bara 1968tti damee badhaasichaa 5 ture irratti dameen diinagdee dabalamuun, nama guddina dinagdee irratti jijjiirama guddaa fide wal dorgomsiisuun ni kennamaaf.

Injifattoonni badhaasa Noobelii kan jalqabaa eenyufaadha?

1. Damee Physics-n lammii Jarman kan ta’e Wilhelm Rontgen.

2. Chemistry-n lammii Nezerland kan ta’e Jacobus Henricus Vant Hoff.

3. Ogummaa Fayyaatiin Emil Adolf Berin, lammii Jarman.

4. Hog-barruun Sully Prudhomme, lammii Faransaay.

5. Nageenyaan Henri Dunant, lammii Iswizeerlaand.

Nama badhaasa kana Injifate maaltu kennamaaf?

Badhaasni kun akka addunyaatti kabajaadha. Namoota damee jahan olitti ibsameen milkaa’ina guddaa galmeessaniif, Medaaliyaa Dahabaa, Dipiloomaa kabajaa fi maallaqa Doolaara Ameerikaa $900,000(birrii 26,595,000)tu kennamaaf.

Ardii Afriikkaa irraa nama meeqaatu badhaafame?

Bara badhaasni kun kennamuu jalqabe irraa kaasee hanga bara 2019 Afriikkaa irraa namoonni 24 dameewwaan badhaasichaa garagaraatiin badhaafamanii jiran. Bara 1951 jalqaba irratti lammii Afriikkaa kibbaa Max Theiler damee fayyaatiin badhaafamee ture. Kan xumuraa ammoo kan bara kanaa bara 2019 Muummicha Ministeera Ityoophiyaa Dr Abiy Ahmad damee nageenyaatin injifatee jira.

Dr Abiy Ahmad badhaasa Noobelii nagayaa akkamitti argachuu danda’e?

Sadarkaa biyya keenyaatti badhaasni kun kan jalqabaa yoo tahu, Muummichi Ministeera Ityoophiyaa Dr Abiy Ahmad injifatuu koreen badhaasichaa ganama hardhaa labse.

Koreen badhaasichaa ibsa baaseen
Muummichi Ministeeraa Dr Abiy Ahmad lola Itoophiyaafi Eertiraa jiddutti waggaa 20 ture kan lubbuu namoota 70,000 ol ta’u gama lamaniinuu galaafate nagayaan akka xumuramu gahee baheef badhaasni kun akka kennameef beysise.

Akkasumas hojii Rifoormii erga aangoo qabate hojjatee fi gaanfa Afriikkaatti nagaan akka dhufu hojii gurguddaa hojjatuu isaaf kan badhaafame tahuu hoggantuun koree badhaasa kanaa dubbate.

Injifachuu Dr. ABIY AHMAD Hordofuun maaltu jedhamaa jira?

Aktivistii fi Dayrektarri OMN Obbo Jawar Muhammad fuula Facebook isaa irratti gammachuu ibsate. Obbo Jawar “Muummichi ministeeraa hojii gaggaarii nagayaa biyyoota ollaa jiddutti buusuuf akkuma hojjate, biyya keesssattiis waan hedduu hojjatuu qaba”jedhe. OMN fi hoggantoonni isaa jijjiirama siyaasaa biyyattiitti argame hordofuun biyya baqaa irraa gara biyyaatti deebi’uun ni yaadatama.

Morkataan siyaasaa Keeniyaa beekkamaan Raayilaa Odingaa barreeffama fuula Twitter isaa irratti baaseen “Rakkoo walitti bu’insa daangaa biyya ollaa Ertiraa waliin ture karaa nagayaatin furuuf hojii milkoytuu hojjatteef ‘Nobel Peace Prize’ bara kanaa badhaafamuu keetiif baga gammadde”jedhe.

Barreessaan UN Antooniyoo Guteereez “mul’anni muummicha ministeera Itiyoophiyaa fi Ertiraan waliigaltee seena qabeessa kanarra akka ga’aniif dandeessisee jira” jedhe. Itti ida’uunis gaggeessummaa isaatiin biyyoota Afriikkaa birootiif, akkasumaas gaggeessitoota Afriikkaan ala jiraniifis fakkeenya ajaa’ibaa ta’uu danda’e jira”jedhe

Dhaabbanni Mirga Namummaa Falmu Amnesty International, Badhaasni kun Dr Abiy mirga Namummaa irratti kana caalaa akka hojjatu kakaasu tahuu qaba jedhe

Barreessaan dhaabbatichaa Kumii Naayidoo, badhaasa Noobeelii Nagaa 2019 Mummichi ministera Abiya Ahimad moo’uun ibsamee booda ibsa baasen: ‘’Badhaasni kun hojii Abiy Ahmad mirgoota namoomaa waggoota hedduuf dhiitamaa turan sirreessuuf hojjateef beekamtii kan kennudha” jedhe.

Comment

Related Articles

Back to top button