header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Biyyoonni Gamtaa Galoo Galaana Arabiyaa walgahii idilee jalqaban

Walgahiin idilee biyyoota galoo galaana Arabiyaa Magaalaa Kuweeyt keessatti guyyaa har’aa kan jalqabame yoot tahu, Amiirri Kuweeyt Shekh Sabaah Al Ahmad Al Sabaah hasaawa baniinsaa godheen, 

“biyyoonni miseensa gamtichaa hundi walgahii kana irratti hirmaachuun isaanii, Gamtaa kana diigamiinsa irraa kan baraaru waantaheef milkaayina guddaadha”

 jechuun dubbate.

Walgahiin ammaa kun eega biyyoonni Arabaa Qaxar irra qoqqobbii kaayanii ji’a 6 booda gaggeeffame. Mootummaan Kuweeyt wal dhabbii Qaxarii fi Biyyoota Arabaa kana furuudhaaf yaalaa turus milkaayuu hin dandeenye.
Walgahii har’aa kana irratti Amiirri Qaxar Shekh Tamiim Bin Hamad Al-Saanii kan hirmaate akka ta’ee fi Emireetii fi Sa’udiin ammoo Ministeerota haajaa alaa isaaniitiin kan hirmaataa jiran tahuu gabaasni arganne ni mul’isa. Bahreeyn ammoo dipiloomaatota sadarkaa gad aanaa gara Kuweeyt kan ergite tahuu Aljaziiraan gabaase.
Walgahii kana irratti; dhimma Yaman, waldhabbii Qaxarii fi biyyoota Arabaa, akkasumas dhimma magaalaa AL-Quds irratti ni mari’atan jedhamee eeggama.

Miseensonni Gamtaa Galoo Galaana Arabiyaa biyyoota Jahaa. Isaanis: Sa’udii, Emireets, Qaxar, Bahreeyn, Oomaanii fi Kuweeyt tahuun isaanii ni beekkama. 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button