Lammiileen Tuniiziyaa filannoo prezdaantummaa irra deebiin geggeeffameef Alhada har’aa sagalee kennan
Tuniiziyaan Prezdaant Sa’id Beejii kan yeroo jalqabatiif karaa dimokraatawaa taheen filatamee ture, kan July dabre amrii ta’e bakka buusuudhaaf, ji’a dabre filannoo dimokraatawaa isii kan lammataa geggeessuun ni yaadatama
Haata’u malee filannoo ji’a dabre geggeeffameen, kaadhimamtoonni lama sagalee wal qixa tahe kan argatanii turan yoo tahu, kanuma hordofuun filannoon prezdaantummaa guyyaa har’aa irra deebiin geggeeffame. Haaluma kanaan lammiileen Tuniiziyaa miiliyoona torba tahan, kaadhimamtoota lamaan jidduu hogganaa biyyattii filachuuf sagalee kan kennatan tahuu gabaafame.
Kaadhimamtoonni lamaan marsaa kanatti wal dorgommiif dhihaatan, Profeesara Seeraa Qayiis Sa’iid fi Sooressa biyyattii beekamaa Nabiil Karuuy tahuu odeeyfannoon Anadooluu Niiwus irraa argame ni addeessa.
Warraaqsi Arabaa bara 2011 Tuniiziyaa keessatti jalqabame biyyoota biroo keessatti kan fashalaahe tahus, Tuniiziyaa keessatti garuu kan milkaahe tahuun ni beekama.