header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Lammiileen Iraaq qaalayiinsa jireenyaa fi malaamaltummaa mootummaa biyyattii keessatti babal’ate balaalefachuun mormii torbee sadi duran jalqaban itti fufan

Lammiileen Iraaq malaamaltummaa mootummaa Iraaq keessatti bababal’ataa dhufeen wal qabatee, qaalayiinsa jireenyaa hammaataa dhufe furuuf mootummaan kutannoo hin qabu; akkasumas diinagdee biyyattii fooyyessuufis karoora hin qopheessine, jechuun jalqaba ji’a kanaa mormii jalqaban ammas kan itti fufan tahuun beekamee jira.
Mormii ummataa biyyattii keessatti ka’e kana ukkaamsuuf mootummaan Iraaq tarkaanfii humnaa kan fudhataa jiru yoo tahu, kanuma hordofuun tarkaanfii humnaa poolisiin biyyattii Baghdaad fi magaalota biroo keessatti fudhataa jiruun, Jum’aa kaleessaa fi Sabtii har’aa qofa lubbuun nama 45 ol kan dabre tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Dhaabbileen mirga namoomaa biyyattii akka jedhanitti, eega mormiin ummataa biyyattti keessatti ka’e asitt, iddoo gara garaatti humnootni tika mootummaa mormitoota irratti dhukaasa bananiin namoonni 200 ol kan ajjeefaman yoo tahu, mormitoonni 2,500 ol ammoo madaayanii jiru.

Mootummaan Iraaq mormii ummataa biyyattii keessatti babal’ataa dhufe Kana too’achuuf, Khamiisa kaleessaa Baagdaad fi magaalota biroo heddu keessatti labsii yeroo muddama kan baase tahuus, mormii ummataa kana too’achuu hin dandeenye.

Odeeyfannoo birootiin Ameerikaan duula Suuriyaa naannawa Idliib keessatti geggeessite hordofuun, hogganaan garee daash kan du’e tahuu beeksiste.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button