header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Gamtaan Awrooppaa Briteen gamtichaa keessaa akka baatuuf yeroo kaahee ture dheeresse

Gamtaan Awrooppaa kanaan dura Briteen hamma October 30,  2019tti mirgaa fi faayidaa isii kabajsiifattee guututti gamticha keessaa  akka baatu yeroo kan kaahe yoo tahu, paarlaamaan Briteen dhimma Gamtaa Awrooppaa keessaa bahuu irratti  walii galtee dhabuun,  biyyattiin danqaa siyaasaa fi kufaatii diinagdee keessa seenuu malti sodaan jedhu kan hammaataa dhufe tahuu ni beekama.

 

Kanuma hordofuun torbee dabre muummichi ministeera Briteen Boris Johnson guyyaan xumuraa  Briteeniif kenname akka dheeratuuf,  xalayaa Gamtaa Awrooppaatii barreessen  kan gaafate tahuu gabaasuun keenna ni yaadatama.

 

Haaluma kanaan Gamtaan Awrooppaa guyyaa xumua Briteen gamticha keessaa baatu gara January 31, 2020tti achi kan dabarse tahuu beeksise. Prezidaantiin Mana Maree Gamtaa Awrooppaa Donald Tusk “murtiin yeroo dheeressuu kun Briteen yeroo gahaa argattee akka murtee irra geettuuf ni gargaara”jedhe.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button