header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Yuniversitiin Suudaan barnoota Afaan Oromoo fi Amaariffa sadarkaa digritiin kennuuf deema.

Yuniversitiin beekamaan magaalaa Kaartuum keessatti argamu kan International University of Africa jedhamu, walii galtee dhaabbilee barnoota ol’aanoo Ityoophiyaa waliin godheen barnoota Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraa sadarkaa digrii jalqaabatiin kennuuf kan murteesse tahuu ibsame. Murtiin Yuniversiitichaa kun qaama walii galtee kanaan dura hoggantoonni biiroo barnoota Finfinnee, Yunivarsiitii Finfinnee fi Kotebe Metropolitan Yunivarsiitii gara Kaartuum imaluun, qondaaltota Yunivarsiitii Afrikaa waliin mallatteessanii tahuu ejensiin odeeyfannoo Ityoophiyaa gabaase.

Haaluma wal fakkaatuun akkaatuma walii galtee kanaatiin, barnoonni Afaan Arabaa sadarkaa digrii jalqabaatti kanaan dura Yunivarsiitii Finfinnee qofatti kennamaa ture, dabalataan Kotebe Metropolitan Yunivarsitiinis Afaan Arabaa digrii jalqabaatiin kennudhaaf qophii irra kan jiru tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button