OdeeyfannooUSA
Ustaaz Kaamil Shamsuu Affeerraa mootummaa Ameerikaatiin Washington DC seene

Gorsaa Seeraa Koree Furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa fi miseensa koree haarawa muummicha Ministeeraatiin dhimma hawaasa muslimaa akka qoratu hundeeffamee kan tahe Ustaaz Kaamil Shamsuu, kora mootummaa Ameerikaatiin qophaaye irratti hirmaatuuf har’a Washington DC seene. Kora kana irratti biyyoota 28 irraa namoonni beekkamoon kan affeeraman yoo tahu, ministeerri haajaa alaa Ameerikaa Ityoophiyaa irraa Ustaaz Kaamil Shamsuu kan affeere tahuun beekamee jira.
Ustaaz Kaamil sa’aa muraasa dura Washington DC kan seene yoo tahu, hawaasni Muslimaa biyya keenyaa naannawa DC jiraatu buufata Xiyyaaraatti argamuun simannaa kan godhaniif tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
baga nagahan geese alahamdullilaah galata rabbii nagahan nu debihi
Rabbiin isaa ha-eeguu!!
Jalaala adduwwii summii nama nyaachisufi.