header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Barattoonni Yunivarsiitii Waldiyaa hanga ammaatti rakkoo keessa jiraachuu himan

Sabtii dabarte, naannoo Amaaraa Yunivarsitii Waldiyaatti ajjeechaa barattoota Oromoo lama irratti raawwatameen haalli nageenyaa Yunivarsiitii Waldiyaa kan hammaate yoo tahu, Ajjeechaan raawwatamte kun qaama hidhataniin tahuu barattoonni himan.

Barattoonni Yunivarsiitii Waldiyaa ammaas rakkoo keessa jiraachuu, Waraana mootummaatin cinatti, namoonni hidhatan Yunivarsiitii keessa seenuun akka barbaadanitti sossohanii miidhaa barattoota irraan gahaa jiraachuu himan.
Haala kanaan barattoonni saamamanii fi waraqaan eenyummaa irraa fuudhame hedduudha, Barattoota ajjeefaman malee, isaan hidhaman lakkoofsa hin beeknu. Barattoonni gariin Yunivarsiitii bahanii ala jiraachuus barataan garasii dubbifne tokko nuuf hime.

Barattoonni madaawan ammoo naannichatti wal’aansa gaarii argachaa hin jiran. Dubbiin akka sabaatti kaate balaa waan qabduuf barattoonni lubbuu isaanii sodaatanii nama bakka buufatuun bulchinsa Yunivarsiitii tti kan iyyatanii turan, Hata’uu malee hanga ammaatti garuu bulchiinsi Yunivarsiitii lafarra harkisaa jiraachuu. Akkasumas barattoonni naannoo isaanitti kan deebi’uu barbaadan tahu ibsan.

Guyyaa arraa dhimmicha qoratee fala kaahuuf sadarkaa I/A pirezidaantii Oromiyaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa, Obbo Ahmad Tusaa barattoota waliin kan mari’aate yoo tahu, Barattoonni shirri isaan irratti raawwatame mootummaafi ummanni naannichaatiis harka keessaa qabaachuu Obbo Ahmadiif ibsan.

“Raayyaan ittisaa Yunivarsiitii keessa jiru dhaadannoo hamtuu nuti dhaadatu jira. Kanaa ol miidhamuu waan hin barbaanneef hatattamaan bakka irraa dhufnetti nu deebisi” jechuun barattoonni Obbo Ahmad tti himatan, hata’uu malee obbo Ahmad dhimmichi humna kiyyaa ol waan ta’eef qaama oliitti isiiniif dabarsa jechuun kan deebiseef tahuu barataan dubbisne kun nuuf hime.

Duba Obbo Ahmad Tusaa amma maal irra jira? Jannee gaafanne. “Qaama ifatti nu fixaa jiru kanaa waliin ammaas manguddummaatti jira. Osoo inni manguddummaaf deemuu kanaa ol miidhaan nurra gahuufi” jedhu barattoonni.

Ajjeechaa Yunivarsitii Waldiyaa keessatti barattoota Oromoo kana irratti raawwatame kana hordofuun, Barattoonni Yunivarsitii Oromiyaa keessatti argamutti barataan, Akkasumas barattoonni manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa magaaloota Oromiyaa keessatti argaman mormii dhageessisaa jiraatuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button