header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Masri Saatalaayitii Kominikeeshiinii milkiin hawaa irra qubachiisuu beeksiste

Qondaaltonni mootummaa Masri akka beeksisanitti, saatalayitiin amma gara hawaatti ergamte bu’uuralee misoomaa kominikeeshinii biyyattii diriirsuu, fayyaa fi tajaajila interneetii fooyyessuuf faayidaa olaanaa akka qabdu ibsan.

Daayrektarri Ejensii Innoveeshiinii Masri Muhaammad Al Kawsii akka jedhetti, Saatalayitii tana Jimaata darbe furguuggessuuf qophiin eega xumuramee booda rakkina teeknikaatiin karoorichi haqamee akka ture ibse. Haaluma kanaan rakkoon muudate eega furamee booda satalaayitiin guyyaa dheengaddaa milkiin hawaa irra qubachuu isii hime.
Satalaayitiin Tiba-1 jedhamtee moggaafamte tun buufata hawaa Awrooppaa French Guiana keessatti argamu irraa kan furguuggefamte yoo tahu, waggaa 15 ol hawaa irra turuun ni tajaajilti jedhamee eeggama.

Odeeyfannoo wal fakkaatuun mootummaan Ityoophiyaatis Saatalaayitii kominikeeshiinii ji’a dhufu, Chaayinaa irraa gara hiwaatti kan ergu tahuu torbee dabre beeksisee ture.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button