logo

😔 Websaayitiin Nuuralhudaa cufamee jira 😔

Weebsaayitiin Nuuralhudaa sababaa hanqina diinagdeetiif cufamee jira. Waggaa tokko guutuu miidiyaa Nuuralhudaa itti fufsiisuuf tumsa gaafachaa turre. garuu tumsi gahaan miidiyaa kana itti fufsiisuu dandahu hawaasarraa hin argamne. kanaaf waan humna keenyaa olii wajji rakkachuu irra, miidiyaa kana guututti cufuuf walii gallee jirra. haaluma kanaan wanti jalqabarratti cufamu weebsaayitii nuuralhudaa tahe. Weebsaayitiin humna guddaa barbaaada. Mallaqa Hoostiingiif waggaa waggaan kafalamu, Kafaltii maqaa weebsaayitii (domain name), Kafaltii nageenya websaayitii (Security payments), Kafaltii hojjattoota barruulee weebsaayitii qopheessaniif kafalamuufi baasiiwwan weebsaayitiif barbaachisan heddutu jira.

Tumsi hawaasaa gahaan argamu malee weebsaayitii tokko yeroo dheeraaf itti fufsiisuun haalaan ulfaata. kanaaf waan humnaa olii nutti taanaan waan hunda cufutti jirra. wanti jalqabarra cufame tamsaasa saatalaayitii ture. itti aansuun ammoo weebsaayititu cufame. turtii muraasa booda appilikeeshina Nuuralhudaa playstore irraa buusuuf deemna. itti aansuun sagantaa reediyoo kan torbanitti guyyaa lama tamsa'utu dhaabbata. dhumarratti miidiyaalee hawaasummaa YouTube fi Facebook cufnee dhimma miidiyaa kanaa guutumatti goolabna.

Garuu yoo tumsi hawaasaa gahaan argame waa hunda bakkatti deebisuuf yaalii goona. hirmaannaan haawaasaa gahaan argamnaan, Tamsaasa saatalaayitii bakkatti deebisuu, websaayitii irra deebinee banuufi, hojii miidiyichaa hunda humna haarayaan itti fufsiisuun ni danda'ama. namoonni tumsa gootanii Website Nuuralhudaa bakkatti deebisuu feetan waan dandeessaniin hirmaadhaa. Nuuralhudaa gargaaruuf Buy me a coffee irratti miseensa tahaa.