header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Chaayinaan mormii jiraattota magaalaa Hong Kong ilaalchisee seera mootummaan Ameerikaa raggaasise balaaleffatte

Mootummaan Chaayinaa Waxabajjii dabre labsii “dhimmi seeraa jiraattota magaalaa Hong Kong hundi manneen murtii magaalota biyyattii kanneen biroo keessatti akka ilaalamu”jedhu baasee ture. Jiraattonni bulchiinsa magaalaa Hong Kong labsii kanaan dallanuun “mootummaan Chaayinaa mirga ofiin of bulchuu magaalattiif waadaa galee ture cabsaa jira”jechuun mormii jalqaban. Kanuma hordofuun Beejiing mormii ummata magaalattii kana ukkaamsuuf, loltoota heddu gara naannichaa bobbaastee mormitoota irratti tarkaanfii humnaa kan fudhataa jirtu tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Mootummaan Ameerikaa ammoo jalqabumarraa mormitoota deeggaruun mootummaa Chaayinaa qeeqaa ture. Haaluma kanaan Prezdaant Donald Tramp, wixinee seeraa mormitoota Hong Kong deeggaru, kan Kongiraasii irraa dhihaateef mallatteessuun isaa Chaayinaa dallansiisee jira. Mootummaan Chaayinaa dhimmicha irratti ibsa baaseen, Ameerikaan dhimma birmadummaa biyya keennaa keessa harka naqatuun kan isa dallansiise tahuu ibsuun, gocha Ameerikaa kana qolachuuf tarkaanfii cimaa kan fudhatu tahuu akeekkachiise.

 

Haaluma kanaan mootummaan Chaayinaa tarkaanfii jalqabaatiin dallansuu isaa ibsachuuf Ambaasaddara Ameerikaa waajjira ministeera haajaa alaatti kan yaame tahuu ibsame. Ministeerri haajaa alaa Chaayinaa Le Yucheng, Ambaasadara Ameerikaa Terry Branstad waliin marii Khamiisa har’aa geggeesse irratti “gochi Ameerikaa kun seera idil-Addunyaa kan cabse waan taheef, Washington labsii kana hujii irra akka hin oolchine”jechuun gaafachuu isaa ibsi waajjira ministeera haajaa alaa biyyattii irraa bahe ni addeessa.

 

Gama biraatiin ammoo jiraattonni magaalaa Hong Kong labsii Ameerikaa kana deeggaruun, daanditti bahanii gammachuu kan ibsataa jiran tahuu gabaafame.

 

Mootummaan Ameerikaa seera amma baase kana keessatti, Bulchiinsi Hong Kong mootummaa Chaayinaa jalatti argamu tarkaanfii humnaa mormitoota irratti fudhatu yoo kan hin dhaabne tahe, hariiroo daldalaa Ameerikaan bulchiinsa magaalaa Hong Kong waliin qabdu kan addaan kutu tahuu labse. Dabalataanis qondaaltota magaalattii irra qoqqoobiin kan kaayamu tahuu ibsame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button