header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Ameerikaan gargaarsa maallaqaa Paakistaanii kennaa turte addaan kutuu beeksifte

Ameerikaan gargaarsa doolara miiliyoona 300 wagga waggaan Paakistaaniif kennaa turte, sababni addaan kutteef biyyattiin hidhattoota naannichatti socho’an too’ataa waan hin jirreef, maallaqni Paakistaaniif kennamaa ture dhimma ariifachiisaa biroo irra oolchuuf tahuu beeksifte.

 

Prezdaant Donaanld Traamp jalqaba waggaa kanaa,  Ameerikaan gargaarsa Paakistaaniif kennitu irraa bu’aan hanga ammaatti argatte yoo jiraate “sobaa fi ganuu qofa”waan taheef, hatattamaan fedhii keenna kan hin guunne yoo tahe gargaarsa keenna ni dhaabna jechuun isaa ni yaadatama.

 

Mummichi ministeera Paakistaan kan dhiheenya kana haaraya filatame, Imraan Khan mootummaan Paakistaan kanaan dura warana “farra shoreekeessummaa”irratti  Ameerikaa waliin hirmaachuun isaa dogongora ture, Kanaafuu poolisii hajaa alaa biyya keennaa irra deebinee ilaaluu qabna jedhe.

 

Xiinxaltoonni Siyaasaa akka jedhanitti, yeroo ammaa hariiroon Paakistaan Chaayinaa waliin qabdu saffisaan cimaa dhufuun isaa Ameerikaa mufachiisee jira. Murtiin amma Ameerikaan fudhattes dhimma kana irraa kan madde tahuu ibsaa jiru. Ministeerri haajaa alaa Ameerikaa Maayik Pompiyoo fi qondaaltonni waraanaa ol’aanoo torbee dhufu gara paakistaan kan imalan tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button