header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Suudaan Paartii Prezdaant Umar Al-Bashiir kan waggaa dheeraaf biyyattii bulchaa ture diigde

Fincila ummanni Suudaan mootummaa waggaa 30 ol biyyattii bulchaa ture irratti geggeessaa turetti fayyadamuun, waraanni biyyattii Prezdaan Umar Hasan Al Bashiir April/2019 aangoo irraa fonqolchuun ni yaadatama. Haata’u malee lammiileen Suudaan hoggantoonni waraana Suudaan fincila ummataa butuun aangoo qabatan Siviilotaaf kennuu qaban jechuun mormii isaanii itti fufan. Kanuma hordofuun jaarsummaa Ityoophiyaa fi Gamtaa Afrikaatiin, mootummaan ce’umsaa humna waraanaa fi siviilota irraa ji’a sadi dura hundeeffamee biyyattii kan hogganaa jiru tahuun ni beekama.
Mootummaan ce’umsaa Suudaan kun taarkaanfiilee jijjiiramaa fudhatuu kan jalqabe yoo tahu, haaluma kanaan guyyaa kaleessaa dhaaba siyaasaa Umar al-Bashir, Partii Kongrasii Biyyaalessaa (NCP) jedhamu diiguu labse. Mootummaan Suudaan Paarticha diiguudhaan duratti heera biyyatti dhimmicha ilaallatu kan fooyyesse tahuu ibsame.

 

Labsii haarayatti fooyya’e kanaan, mootummaan qabeenya Paartii Prezdaantii duraanii hunda akka dhaalu ni hayyama; Akkasumas Paartichaa fi mallattoon sirna mootummaa duraanii hundi, waggoota 10niif siyaasa biyyattii keessatti akka hirmaanne kan ugguraman tahuu labsame. Mootummaan Suudaan labsii kana hojii irra oolchuuf koree kan hundeesse tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

 

Muummichi ministeera Suudaan Dr. Abdallaah Hamdook labsii kana ilaalchisee fuula tiwiitera isaa irratti, “Qabeenyi saamamee ture ummata Suudaaniif ni deebi’a” jechuun barreesse.
Haaluma wal fakkaatuun labsii haaraya bahee kanaan seerri duraanii dhimma dubartootaa ilaallatu tokko kan haqame tahuu ibsame.

Paartii Kongirasii Suudaan

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button