header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Komishiiniin Gamtaa Awrooppaa deeggarsa Yuuroo miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 70 Ityoophiyaa kennuuf walii galteen mallatteeffame

Prezdaantiin Komishiinii Gamtaa Awrooppaa Ursula Von der Leyen fi Daayirektarri tumsa idil addunyaa gamtichaa Ms. Jutta Urpilainen daaw’annaa hojiitiif har’a ganama Ityoophiyaa kan seenan yoo tahu, muummicha ministeeraa Dr. Abiy Ahmad dabalatee qondaaltota mootummaa kanneen biroo waliin mari’atanii jiru.

Marii waajjira muummicha ministeeraatti geggeeffame kana hordofuun, gamtichi Yuuroo miiliyoona 100 fi miiliyoona 70 kan carraa hojii uumuu, sektara fayyaa fooyyeessuu, fooyya’insa dinagdee fi misooma humna namaatiif oolu kennuuf walii galteen mallattaahee jira.

Walii galtee kana Ministeerri Maallaqa Obbo Ahmad Shidee fi Gamtaa Awrooppatti Daayirekatarrri tumsa Idil Addunyaa Ms. Juttaa Urpilainen kan malleetteessan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button