header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Humni galaana Turkiyaa doonii dhaabbata qorannoo Israa’el Galaana Medtiraaniyaan keessaa baase

Dooniin dhaabbata boba’aa Israa’el tun, gara daangaa Cyprus seenuun galaana Meditraaniyaan keessatti hojii qorannoo barbaacha boba’aa irra kan turte yoo tahu, humni galaana Turkiyaa Alhada har’aa doonii tana naannicha keessaa kan baase tahuu gabaafame.

Naannawa Galaanaa Meditraaniyaan gama bahaa dhuunfachuuf biyyoonni naannichaa heddu yaalaa kan turan yoo tahu, Turkiyaa fi Liibiyaan qabeenya naannichaa waliin fayyadamuuf torbee dabre keessa kaartaaa daangaa galaanichaa qopheessuun walii mallatteessanii jiru.

Kanuma hordofuun biyyoonni naannichaa heddu qabeenyi uumamaa kun biyyoota lama qofaan dhuunfatamuu hin qabu jechuun mormaa jiran. Keessumattuu Cyprus, Masri fi Griik kanaan dura naannawa galaana Medtiraaniyaan gama bahaa keessaa boba’aa oomishaa kan turan yoo tahu, walii galteen Libiyaa fi Turkiyaan mallatteessan itti fayyadama qabeenya uumamaa ilaalchisee seera idil addunyaa kan cabse jechuun balaaleffatan. Haaluma kanaan Griik mormii isii ibschuuf Ambaasaaddara Liibiyaa biyya isii keessaa baastee jirti.
Griik fi Turkiyaan iddoola Cyprus irratti yeroo heddu kan wal lolaa turan yoo tahu, ammas iddoolli tun bakka lamatti qoodamuun, mootummaa lama jalatti kan bultu tahuun ni beekama.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button