header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Godina Goojjaam magaalaa Mooxaatti Masjiidonni 4 ibiddaan gubaman

Naannoo Amaaraa Godina Goojjaam magaalaa Mooxaatti guyyaa kaleessaa hordoftoonni amantaa Ortoodoksii, bataskaana Giyoorgiis kan magaalattii keessatti argamu ibiddaan gubuuf yaaliin godhamee jira jechuun, jeequmsa kaasuun masjiidoota fi manneen daldalaa hawaasa muslimaa ibiddaan kan guban tahuu gabaafame.

Qaamoleen haleellaa kana raawwatan kun jalqaba irratti Hoteela guddaa dargaggoonni muslimaa gamtaan ijaarsisan ibidda itti qabsiisuun barbadeessan. Haaluma walfakkaatuun masjiidoota magaalaatti lama gutumaan guutuutti ibidaan kan barbaadeessan yoo tahu, masjidoonni biroo lama immoo dirmannaa ummanni gadheen ibidda irraa dhaamsuun kan danda’ame tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Jiraattonni magaalattii akka jedhanitti, gochi hamaan hawaasa muslimaa irratti raawwatame kun kan itti yaadamee fi qaamni mootummaatis dhaabsiisuuf yaalii tokkollee kan hin godhin tahuu ibsan.

 

6 Comments

  1. akka jarri garaa kenna gubde kanatii rabbiin garaa jaraa kessan ibidaa habasuu😭😭😭😭😭😭

  2. rabbiin nama masjida san gubee aduniyamarrati gubee nuti haa agarsisuu inshallah 😭😭😭😭😭😭jaru tama azabati

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button