header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Haleellaa halkana edaa Masjiidotaa irratti raawwatame ilaalchisee hawaasni kara nagayaatiin mormiin akka godhu waamichi dabre

Halkan edaa naannoo Amaaraa Godina Gojjaan magaalaa Mooxaa keessatti, hordoftoonni amantaa Ortoodoksii Masjiidota afur fi Hoteela dargaggoota Muslimaa tokko dabalatee, manneen daldalaa hawaasa muslimaa ibiddaan barbadeessan. Gocha itti yaadamee Masjiidotaa fi qabeenya hawaasa muslimaa irratti raawwatame kana mootummaan naannichaa dhaabsisuuf tarkafii hatattamaa fudhatuu dhabuun hawaasa muslimaa guutuu biyyattii keessa jiru dallansiisee jira.
Haaluma kanaan hayyoonni, du’aatonni fi qaamonni hawaasa muslimaa har’a ganama dhaamsa dabarsaniin, hawaasni muslimaa iddoo jirutti gara Masjiidotaa dhaquun dallansuu isaa akka ibsatuufi, haala naamusa qabuun hariira mormii akka biyyatti yaamamuu malu ilaalchisee marii fi qophii akka godhu waamicha godhan.

 

Haaluma kanaan har’a magaalota Finfinnee fi Jimma dabalatee naannolee biroottis mormii geggeessuuf qophiin kan godhamaa jiru tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

4 Comments

  1. Pingback: Q.s.i
  2. Assalamua aleyekum Warhmatullaahi wabarakaatuh akkam nagaya naaf qabdani hundi keessan qoppesitoota Nural huda rabbiin milkii biyya lachu isiniin haa fedhu baromsi gama keessaniin barachaa jirru waan hangana jamu mi jazaan keessan jannattul firdosiin isiniif haa godhu rabbiin wallahi rabbiin dandayaadha rakkina muslima kana gahe rabbiin furmaata itti haa kennu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button