header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Ameerikaan qondaaltota Iiraan fi dhaabbilee biyyatti irra qoqqobbii haaraya kaahuu beeksiste

Qondaaltonni Ameerikaa akka jedhanitti, qoqqobbiin haarayatti Iiran irra kaahame kun, haleellaa Arba’aa dabre buufata waraana Ameerikaa irratti raawwatameen kan wal qabatu tahuu himan. Haaluma kanaan qoqqobbiin ammaa qondaaltota Iiraan 8 haleellaa san qindeessanii fi warshaalee huccuu, dhaabbilee ijaarsaa fi kaampaaniiwwan oomisha Albuudaa biyyattii irratti kan xiyyeeffate tahuu ibsame.

Ministeerri Maallaqaa Steven Munchin fi Ministeerri haajaa alaa Ameerikaa Mike Pompeo ibsa waloon kennaniin, qoqqobbichi biyyoonni fi dhaabbileen kamiyyuu Iiraan waliin hariiroo daldalaa akka hin uumne kan dhoorku tahuu ibsuun, haaluma kanaan Iiraan maallaqa Doolaara biiliyoonatti lakkaahamu kan dhabdu tahuu beeksisan.

Odeeyfannoo wal qabateen, mootumman Iiraan xiyyaara Yukreen Arba’aa dabre biyyattii keessatti kufee lubbuu nama 170 galaafate, Iiraantu misaa’elaan rukute himannaa jedhu soba jechuun haale. Qondaaltonni Aviyeeshiinii Iiraan ibsa kennaniin, sababa balaa Xiyyaarichaa ilaalchisee Yukreen waliin qorannoo geggeessuuf qophii tahuus beeksisan. Ameerikaa, Kaanaadaa fi Briteen xiyyaaara Yukreen humni ittisa qilleensa Iiraan dogongoraan kan rukute tahuu ibsaa jiran.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button