header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Prezdaantiin Suudaan duraanii Umar Al-Bashiir har’a mana murtiitti dhiyaate

Abbaan alangaa biyyattii prezdaant Umar Al-Bashiir malaamaltummaan kan himate yoo tahu, haaluma kanaan prezdaantichi eega April dabre taayitaa irraa fonqolchamee booda,  har’a yeroo lammaffatiif mana murtiitti kan dhiyaate tahuu Aljaziiraan gabaase.

 

Prezdaant Umar Al-Bashiir maallqa biyyoota alaa seeraan ala mana jireenyaa keessatti kuusuu fi karaa seeraan ala taheen biyyoota gara garaa irraa kennaa fudhachuun himatame.

 

Poolisiin biyyatti qorannaa geggeessaa ture har’a mana murtiitiif akka himetti, Prezdaant Umar Al-Bashiir yeroo gara garaatti maallaqa Doolara miiliyoona 90  maatii warra Malika Sa’uudii irraa kan kennameef tahuu amanee jira. Maallaqa kana jidduu dhaaltuun gonfoo Sa’uudii Muhammad Bin Salmaan dhiheenya doolara miiliyoona 25, bajata mootummaatiin alatti akka itti fayyadamuuf kan ergeef tahuu prezdaant Umar Al-Bashiir qorattoota yakkaatiif kan hime tahuu, qondaalli Poolisii Birgedar Ahmad Ali mana murtiitiif ibse.

 

Haaluma wal fakkaatuun Prezdaant Al-Bashiir kanaan dura  hogganaa Sa’uudii duraanii Malik Abdullaah Bin Abdul’aziiz irraa, yeroo tokko doolara miiliyoona 35 yeroo lammataa ammoo dolaara miiliyoona 30 kan fudhate tahuu amanuu isaa poolisiin mana murtichaatif hime.

 

Haata’u malee Prezdaant Umar Hasan Al-Bashiir har’a mana murtiitti yaada kennuu fi dhiisuu isaa ilaalchisee wanti beekame hin jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button