header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Magaalaa Limmuu Gannatitti Barattoonni Muslimaa Reebaman

Godina Jimmaa Magaala Limmuu Gannatitti barattoota “Jilbaaba baafnee hin barannu” jedhan irratti Boombiin imimmeessaan Poolisootaan darbamuufi barattoonni 26 kan madaawan yoo tahu, barattoonni 11 hidhamuus jiraattoonni dubbatan.

Rakkinni kun kan uumame magaala Limmuu Gannatitti kan argamu mana barumsa qophaa’inaa sadarkaa lammaffaatti. Itti gaafatamaa Waajjira Barnootaa aanaa kan ta’e obbo Mihratuu, itti gaafatamaa dhimma nageenyaa obbo Dagafaa fi Daayrektara mana barumsa sadarkaa 2ffaa tan taate aadde Yashiin “walgahii Adaamaa irratti godhameen Jilbaaba uffatani mana barumsaa seenuun dhorkaa akka ta’e kallattiin nuuf kennamee jira” jechuun barattoota burjaajeessaa turan.

Dura bu’aan Majlisa naannawa sanii Sheekh Awwal Abbaamilkii fi Itti aanaan isaanii Sheekh Sayfaddiin waajjira bulchinsa aanaatti yaamamanii ‘barattoonni Jilbaaba akka baasan’ dhimma kana akka amansiisan itti himame.

“Hanga Jilbaabni Yunifoormii mana barnootaa waliin wal fakkaatee jiru, haa uffatamu. Jilbaaba dhiisuu, jaraa miti; nutuu hin fudhannu” jechuun dura dhabbatan.

Kalee ganama obbo Dagafaan gara mana barumsaatti Poolisoota waliin qajeeluun barattoota Jilbaaba uffatan fi barattoota dhimma kana irratti mariyachuuf barattoota bakka bu’uun walgahiirra turan dareedhaa gad waamuun “Jilbaaba baaftan malee har’aa jalqabdanii maaddi barnootaa irratti argamuu hin dandeessanu” jechuun ariyan.

Barattoonni biroos isaan ariyatamnaan nutis hin barannu jechuun Takbiiraa(Allaahu akbar) yammuu dhageessisan, Poolisoonni Boombii imimmeessaa darbuun barattoota uleen reebuu jalqabe.

Barattoota dhaanaman 26 irra miidhaan giddugaleessaa hoggaa gahu, barattoonni 2 immoo Hospitaala Limmuutti kan wal’aanamaa turan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Barattoota tumaman keessaa intalti dubraa takka Harma isheerra waan rukutamteef Harmi ishee osoo dhiiguu gara Hospitaalaa akka geeffamte hoggantoonni Majlisaa ibsan.

Rakkinichi qajeelfama gidduu kanaa qofa osoo hin ta’in, namoota bakka biraa irraa dhufanii fi amantaa biroo hordofaniin sababa barbaadanii barattoota Muslimaa akka doorsisaniif hogganoota naannichaatti kennemuu warri Majlisaa ibsan. Walgahii hoggantoota Majlisaa wajjiin taasifame irrattis yoo ta’uu baate “tarkaanfii ni fudhanna’ jedhanii akka dhaadataa turanis dubbatan.
Haaluma wal fakkaatuun barattoonni shamaran Muslimaa godina Jimmaa magaalaa Asandaaboo, Diimtu fi aanaa adda adda keessa jiran Jilbaaba fi Hijaaba waan dhoorkamaniif, barumsa dhisanii gara manaatti deebi’aa jiraatuu namni achi dubbisne nu hime.

Dhihoo tana, godinaalee Oromiyaa tokko tokko keessatti “Barattoonni shamarran Muslimaa Jilbaaba(Hijaaba) uffatanii barachuu hin danda’an” jechuun qajeelfamni bahee jira.

‘Kana jechuun, dura bu’oota mana barumsaa fi hoggantoota biiroo barnootaatiin barattoonni Muslimaa barnoota isaaniirra akka dhiibaman godhamaa jiran’ jechuun dubbi himaan koree fala barbaadduu hawaasa Muslimaa Ustaaz Ahmaddiin Jabal saaxilan.

Rakkoon tun bakka tokko tokkotti sirroytuus, iddoo birootti garuu “qajeelfamni ni dhoorka! Baasaa” jechuun barattoota daba amansiisuuf yaalamaa akka jirus Ustaaz Ahmaddiin kaasan.

Kanaaf, ‘mootummaan naannoo Oromiyaa fi Biiroon Barnoota Oromiyaa hojiin ykn dhimmi barattoota Muslimaa Barnoota irraa gaaga’uu kun dhaamsa isaa yoo hin ta’in hatattamaan ejjannoo isaa haa ibsu’ jechuunis gaafate.

Mooraa mana barumsaa Limmuu irratti Boombii immimmeesaa poolisoonni darbatan, Poolisoonni barattoota tumanii fi hidhan tarkaanfiin seeraa irratti fudhatamee ifatti haa ibsaman.

Bulchinsi godinaas, taaytaa isaanii dawoo godhachuun warra fedhii isaanii hojiitti hiiksisuu barbaadan irratti tarkaanfii haa fudhatan jechuun Ustaaz Ahmaddiin fula fesbuka isaa irratti maxxanse.
Kun osoo kanaan jiruu, har’aas godina Jimmaa Magaalaa Hasandaabootti gochi wal fakkaataan raawwatame. Mana barumsa qophaa’inaa fi sadarkaa 2ffaatti barattoonni dubraa Muslimaa “Jilbaaba uffatanii hin barattan” jechuun barnoota irraa dhoorkaman yoo ta’u, Barattoota “kun maaliif ta’e?” jedhanii gaafatan 7, Korri bittinneessa Oromiyaa tumee hidhuu namni achi dubbisne nuu hime.

Barattoonni kora bittineessaa dhaan
Reebaman Gariin qaamaan madaa’uu fi miidhamuun beekkame.
Haaluma walfakkaatuun Limmuu Gannatitti Barattoota kaleessa sababa ‘jilbaabaa(Hijaabaa) baasaaf’ hidhaman gaafachuuf namoonni mana hidhaa dhaqan, guyyaa har’aa barattoonni 6 kan hidhaman tahuu fi Har’a waaree booda mana murtiitti dhihaachuun beellamni guyyaa 7 itti gaafatamuun gabaafame.

Odeeffannoo arganneen, Godina Jimmaatti Biiroon barnootaa fi dhimmi nageenyaa, barattoota irratti dhiibbaa jabeessuun, maatii barattootaa ukkaamsuufi Jilbaabni akka dhoorkamu yaalii godhaa jiraatuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button