header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Dhibeen hafuuraan daddarbu Chaayinaa keessatti lubbuu namoota hedduu galaafatuu gabaafame

Dhibeen qufaan hafuura nama kutu kun Vaayrasii ‘Koronaavaayiras’ jedhamuun nama irra namatti kan daddarbu yoo tahu, qufaa hamaan sirna hargansuu (respiratory system) kan hubu ta’uu ibsame. Qondaaltoonni Chaayinaa akka jedhanitti, namoota vaayirasichaan qabaman jidduu hanga ammaatti namoonni 6 qofti kan du’an akka taheefi, mootummaan weerara Vaayirasichaa too’achuuf sochii cimaa kan godhaa jiru tahuu beeksisan.

Haata’u malee magaalota gurguddoo Chaayinaa kannen akka Beejiingii fi Sheenziin keessatti qofa namoonni 300 ol ta’an vaayrasichaan kan qabaman yoo tahu, haaluma wal fakkaatun bulchiinsa Wuhaan keessattis ogeessota fayyaa 15 dabalatee nammoonni heddu vaayrasiichaan kan qabaman tahuu ibsame.

Dhaabbileen fayyaa hawaasaa biyyoota hedduu Chaayinaa keessatti lakkoofsi namoota vaayrasii kanaan qabamanii kan mootummaan biyyattii ibsee ol jechuun, buufataalee xiyyaaraa keessatti keellaa too’annoo Vaayirasichaa kan dhaabaa jiran tahuunis beekamee jira. Keessumattuu dhibeen kun biyyoota ollaa Chaayinaa kanneen akka Taayilaand, Koriyaa Kibbaa fi Jaappaan keessattis mul’atuu isaatiin gara weerara hamaatti babal’aatuu mala sodaan jedhu jiraachuu ibsame. Haaluma kanaan Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa WHO’n dhimmicha irratti mari’achuuf koree eksipartootaa wal gahii hatattamaa Arba’aa boruutti yaamee jira.

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa akka jedhutti dhibeen kun bineensota irraa namatti daddarba.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button