header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Xiyyaarri Waraana Ameerikaa Baha Afgaanistaan keessatti kufuu gabaafame

Xiyyaarri qondaaltota waraana Ameerikaa fe’atee ture kun, Baha Afgaanistaan naannawa too’annaa garee Xaalibaan jalatti argamu kan Gaazni jedhamu keessatti wixata kaleessaa kufe. Haaluma kanaan namoonni xiyyaaricha keessa turan hundinuu du’uu gabaafame. Dubbi himaan garee Xaalibaan naannawa kana too’atuu Zabihullaah Mujaahid akka jedhetti “Xiyyaarri qondaaltota ol’aanoo waraana Ameerikaa fe’atee basaasa irra ture loltoota Xaalibaaniin rukutamee kufe”jedhe.

Waraanni Ameerikaa Afgaanistaan keessatti argamu gama isaatiin Xiyyaarri isaa kufuu mirkaneessee jira. Dubbi himaan Waraana Ameerikaa Koloneel Sonny Leggetti, Xiyyaarichi haala kamiin akka kufe kan qoratamaa jiru tahuu ibsuun, lakkoofsi namoota xiyyara keessa turanii kudhan kan hin caalle tahuufi, akkasumas qondaaltonni ol’aanoon keessa hin turre jechuun ibsa Xaalibaan kenne haalee jira.
Xiinxaltoonni siyaasaa akka jedhanitti, Ameerikaa fi gareen Xaalibaan marii araaraa yeroo dheeraaf geggeessaa turan walii galteedhaan goolabuuf yeroo dhihaatan kanatti, gareen Xaalibaan xiyyaaricha rukutee kuffisuu ibsuun isaa adeemsa marii ni nageenyaa danquu mala. Ameerikaan kanaan duras walii galteen xumuraa mallattaahuun duratti gareen Xaalibaan dhukaasa dhaabuu qaba jechaa turte.

xiyyara Ameerika

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button