header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Sa’uudii, Lammileen Israa’il biyya isaa akka seenan kan hin hayyamne tahuu ibse

Mootummaan Israa’il lammiileen isaa gara Sa’uudii akka imaluu danda’an kan hayyame yoo tahu, mootummaan Sa’uudii ammoo waliigalteen akkasii jidduu isaanii kan hin jirre tahuu ifoomse.

Alhada dabre ministeerri dhimma biyya keessaa Israa’il “lammiileen Israa’il dhimma daldalaaf fi daawwannaa, akkasuma Muslimoonni lammummaa Israa’il qaban sirna Hajjiif gara Sa’uudii imaluu kan danda’an tahuu ibse.

Haata’uu malee ministeerri haajaa alaa Sa’uudii Fayisal bin Farhaan gaaffii fi deebisaa CNN waliin godhe irratti “imaammanni Sa’uudiin dhimma imala Israa’iloonni gara Sa’uudii godhan irratti qabdu akka duraanii irraa hin jijjiiramne. Lammileen Israa’il dhimma kamiifuu Sa’uudii seenuu hin danda’an” jedhe.

Itti dabaluunis Obbo Fayisal “wal-dhibdeen Falasxiin fi Israa’il jidduu jirtu yoo dhumte, tarii gaafas dhimma kana irratti marihatuu malla. Saniin alatti Israa’iloonni biyya teenya seenuu hin hayyamnuuf” jadhe.

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button