header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Walga’iin ministeerota haajaa alaa biyyoota Afrikaa Finfinnee keessatti jalqabame

Walga’iin ministeerota haajaa alaa biyyoota Afrikaa kun har’a galma Gamtaa Afrikaa keessatti kan jalqabame yoo tahu, guyyoota lamaaf kan geggeeffamu tahuu ibsame. Walga’ii kanaan ministeeronni haajaa alaa ajandaa kora hoggantootaatiif Gamtaan Afrikaa qopheesse irratti mari’achuudhan, hoggantootaaf akka dhiyaatu murtee ni dabarsan jedhamee eeggama.

Korri hoggantoota Biyyoota Gamtaa Afrikaa 33ffaan ammoo guyyaa sadi booda, Gurraandhala 1,2012 irraa eegalee guyyoota lamaaf achuma Finfinnee keessatti gaggeeffama. Yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa bara kanaa irratti, Prezdaantonni biyyoota Afrikaa 31, Muummeewwan ministeeraa 4, ministeeronni haajaa alaa biyyoota 7, itti aantonni Prezdaantii biyyoota 3, giiftii dureewwan 14 dabalatee, bakka buutonni biyyoota 45 ni hirmaatu jedhamee eegama.

Kana malees hoggantoota biyyoota Afrikaatiin alattis, Muummicha Ministeera Kaanaadaa Justin Trudeau, Muummittii Ministeera Noorweey Erna Solberg fi Pezdaantii Falasxiin Mahmuud Abbaas dabalatee, ministeeronni haajaa alaa biyyoota 3 fi ambaasaaddaroonni biyyoota 7 kora kana irratti kan hirmaatan tahuu ibsame.

Yeroo ammaa Masri aangoo dura taa’ummaa Gamtaa Afrikaa kan harkaa qabdu tahuun ni beekama.

 

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button