header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Prezdaant Uhuuruu Keeniyaataa Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa imala gara Chaayinaatti godhu akka dhaabu gaafate

Gaazexaan biyyatti ‘Daily Nation’ jedhamu akka gabaasetti, Prezdaant Uhuuruu Keeniyaataa marii dhaabbanni The Atlantic Council Jedhamu Arba’aa kaleessaa Washington DC keessatti qopheesse irratti haasay godheen, “dhibeen vaayirasii koroonaa Ardiilee heddu keessatti faca’e gara biyyoota Afrikaatti akka hin tamsaane ittisuuf, daandiin qilleensa Ityoophiyaa imala kallattiin gara Chaayinaatti godhaa jiru dhaabuu qaba”jedhe.

Prezidaant Uhuuruun, tamsa’ini vaayirasichaa biyyoota Afrikaa kanneen akka Keeniyaa sirna to’annaa fayyaa dadhabaa qabaniif yaaddoo guddaa tahuu hime. Uhuuruun itti dabaluudhaanis, “sodaan keenna inni guddaan biyyoota sirna to’annaa fayyaa dadhabaa qaban ilaalchiseeti malee, Chaayinaan tamsa’ina vaayirasichaa to’achuu hin dandeessu kan jedhu waan hin tahiniif, dhimmichi hariiroo siyaasaa fi dippilomaasii waliin wal qabachuu hin qabu”jechuun ibse.

Uhuuruun yaada kana kan kenne, eega daandiin Qilleensa Ityoophiyaa imala isaa gara Chaayinaatti geggeessu kan addaan hin kunne tahuu beeksisee booda. Hojii gaggeessaa Olaanaan Daandii Qilleensa Ityoophiyaa Obbo Tawoldee G/Maariyam kaleessa ibsa FBC’f kenneen, Imala gara Chaayinaa dhaabuun Vaayirasichi gara Ityoophiyaa akka hin seenne ittisuu jechuu miti; too’annoo fayyaa hojjattoota daandichaa fi imaltootaaf godhamu cimsutu murteessaadha”jedhe.
UHURU + DQI

9 Comments

Comment

Back to top button