header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Yunivarsitii Waldiyaa keessatti barattoonni heddu ajjeefamuu gabaafame

Yunivarsitii Waldiyaa keessatti haleellaa halkan edaa barattoota Oromoo irratti raawwatameen, yoo xiqqaate lubbuun nama jahaa dabruu fi barattoonni 10 ol ammoo miidhamuu odeeyfannoon ni addeessa.

Gareen gurmaahe alaa sirbaa fi dhaadachaa gara mooraa Yunivarsitichaa seenuun, barattoota mooraa keessa turaniin walitti dabalamee haleellaa kana kan raawwate tahuu barattoonni himan. Barattooni BBC’f akka himanitti, “Doormii irra deemanii waraqaa eenyummaatiin barataa sabaan adda baasuudhaan reebaa fi saamaa turan” jedhan.

Dabalataanis waardiyyoonni mooraa Yunivarisitii garee gurmaayee dhufe kana callisanii ilaalaa akka turaniifi, humni addaa naannoo Amaaraa ammoo eega dubbiin qabbanaa’ee booda halkan sa’atii torbatti gara mooraa kan seene tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Miidiyaan mootummaa naannoo Amaaraa ammo barattoonni ajjeefamuu ibsuun rakkoon uumames tasgabbaahaa jira jedhe. Dabalataanis miidiyaan naannichaa kun barattoonni lama ajjeefamuu fi saddeet madaa’uu kan gabaase yoo tahu, lakkoofsi barattoota ajjeefamanii 6 kan dhaqqabe tahuu gabaasaaleen gara gara ni mul’dhisu.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button