OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Magaalaa Baddeeysaatti Ulamoota fi Imaamota masjidaatiif leenjiin Keenname
Godina Harargee lixaa magaalaa Baddeeysaatti, ulamootaa fi Imaamota masjida aanaalee Odaa Bultuum fi aanaa Gammachiis irraa walitti dhufaniifi leenjiin hubannoo Shari’aan walqabatu masjida Tawfiiqiitti Keenname.
Leenjiin kun kan Keenname Sheikh Muhammad Asabootii fi Sheikh Jamaal Baddeeysaattin yoo tahu, Ulama’oota fi imaamota masjida aanaalee lamaan irraa dhufan, walumaagalatti namoonni 88 kan irratti hirmaatan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.