header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Manni Marii Ulamaa Itoophiyaa ummanni Salaata Iidaa manatti akka Salaatan murteesse

Manni Marichaa ayyaana Iidul fixrii bara 1441 ilaalchisee ergaa ‘baga ittiin isin gahe’ jettu eega dabarseen booda, Jidduu kana dhukkubni Koroonaa-vaayras biyya keenyatti saffisaan babal’achaa jiraachuu fi akkasumas tattaaffii hawaasni muslimaa tatamsaa’a dhibee kana to’achuuf taasisaa jiru dinqisiifatun daranuu cimsee akka itti fufu qabu gaafate.

Maloota dhukkuba kana ittiin baraaraman kan Haakimootaan himaman jidduu tokko walitti qabamanii argamuu dhabuudha. Kanuma hordofuun ummanni Muslimaa Salaata Iidaa manumatti akka Salaatu qabu manni marichaa murteesse.

Akka bara dabreetti dirree Iidaatti bahuun Jam’aan Salaatuun bara kana kan hin dandahamne tahuu ibsame.

Manni marichaa “Muslimni hundi maatii waliin ykn kophuma manatti Iida Salaatuu qaba. Akkaataan Salaata Iidaa akkuma kan jama’aan salaatamu san, Khuxbaan ammoo hin barbaachisu”jechuun Fatwaa kenne.

Zakaa-Fixrii ilaalchisee ammoo Manni Marichaa ‘eenyuuf akka kennamuu qabu, yeroo kam akka kennamuufi yaadota jiran irratti’ Iidaan dura hubannoon uummataaf masjidoota irraa sagalee guddistuun akka keennamu murteesse.

Guyyaan Iidaa guyyaa guddaadha. Guyyaa Rabbi galaatoomfatanii guddisani. Jalabultii Iidaa irraa kaasee Masjidoota irraa Imaamaa fi Mu’azzinni Maayikraafoonaan Takbiirtaa akka jedhan, Akkasuma Khuxbaa fi dhaamsi iddoo tokko irraa akka dabruu qabu Manni Marii Ulamaa dhaame.

 

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button