header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Muhyiddiin Yaasin Muummicha ministeera Maleezhiyaa tahuun muudame

Muummichi ministeera Maleezhiyaa Dr. Mahtir Muhammad guyyaa shan dura angoo gadi lakkisuuf Malika biyyattiitif xalayaa kan galche tahuu gabaasuun keenna ni yaadatama. Dr. Mahtir waggaa lama dura muummicha ministeeraa tahee yemmuu filatametti, yeroo gabaabaa keessatti aangoo isaa hogganaa Partii gamtaa mootummaa isaa kan tahe Anwar Ibrahimiif dabarsee kan kennu tahuu ibsee ture.

Haata’u malee hoggantoota Paartiilee gamtaa kanneen lamaan jiddutti garaagarummaa adeemsa siyaasaa uumame hordofuun, Dr. Mahtir fi Anwar dhiheenya wal dhabbii hamaa keessa kan galan tahuu gabaafame.

Danqaa siyaasaa qondaaltota biyyattii jiddutti uumame kana furuudhaaf carraaqqiin Malikni biyyattii Sulxaan Abdullah godhaa ture eega fashalaaye booda, Sabti’ii har’aa Muhyiddiin Yaasin muummicha ministeeraa tahuun muudame. Ibsi Masara Malika biyyattii irraa bahe akka jedhutti, ministeerri biyya keessaa duraanii Mr Mhuhyiddiin, hoggantoota siyaasaa gama lamaan jiran hunda walitti fiduun biyyattii tasgabeessuuf dandeettii fi muuxannoo guddaa kan qabu tahuu ibsame.

One Comment

  1. halli odeeffannoo nuun gahaa jirtan gaariidha ta’us gahamiti kanarra cimuu qaba kessattu gama amantaatin bayye xinnadha. jajabadhaa islaamumman addunyadhaaf utubaadha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button