header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ityoophiyaan labsii Gamtaan Biyyoota Arabaa raggaasise balaaleffatte

Gamtaan biyyoota Arabaa dhimma hidha laga Abbaay ilaalchisee ijjannoo Masri deeggaruun wixinee dhihaateef kaleessa raggaasisuun eega dhagahamee booda, Ityoophiyaan murtii gamtichaa kana balaaleffattee jirti. Ministerri Haajaa Alaa Ityoophiyaa murtee Manni Maree Seera Raawwachiftuu Liigii Arabaa Bitootessa 5, 2020 dabarse mormuun ibsa har’a baaseen, Ityoophiyaan labsii kana ‘guutumaan guututti’ hin fudhattu jedhe.

Mootummaan Ityoophiyaa ibsa isaa kanaan, murteen gamtichaa kun haala qabatamaa marii hidha laga Abbaay irratti godhame osoo xiyyeeffannaa keessa hin galchin kan murtaa’e jedhe.
Adeemsa waliigaltee itti fayyadama Hidha Laga Abbaay irratti deeggarsa miseensota Gamtaa Biyyoota Arabaa argachuuf jecha, yaada Masri dhiheessite Sudaan kan mormite tahus, miseensonni Gamticha hafan hundi deeggaruu isaaniitiin sagalee caalmaan kan ragga’e tahuus odeeyfannoonni addeessa. Suudaan dhimma hidha laga Abbaay ilaalchisee gamtaan biyyoota Arabaa gama tokko goruu osoo hin taane walaba ta’ee waldhabbii jirtu furuu qaba; akkasumas gamtichi hariiroon Ityoophiyaa fi Arabootaa akka hin miidhamne of eeggannoo godhuu qaba jechuun marmite.
Mootummaan Ityoophiyaatis ijjannoo Suudaan kana “yaada bilchaataa mootummaa itti gaafatamummaan ol’aanaan itti dhagayamu irraa dhihaate”jechuun faarsite.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button