header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Selam Foundation Mana Marii dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaatiif deeggarsa birrii 300,000 kenne

Hoggansi Mana Marii Dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaa ji’a tokko dura gara aangoo dhufe, rakkina bajataa isa qunnameen maallaqni miindaa hojjattootaa ji’a tokkoo kaffaluuf gahu kan hin jirre tahuu ibsuun, hawaasni muslimaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraatu deeggarsa akka godhu gaafatee ture. 

Kanuma hordofuun dhaabbanni Muslimoota biyya keenyaa Ameerikaa kaabaatti argamu Selam Foundation, maallaqa miseensota isaa irra walitti birrii 300,000 kan kenne tahuu Odeeyfannoon ni addeessa.

Maallaqa kanas Walitti qabaa Koree Furmata Barbaadduu Hawaasa Muslimaa Ustaaz Abubakar Ahmaditti kan kennan tahuus beekameera.

 

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button