header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Sagantaan Eebba fi Tumsa Tv Nuuralhudaa Magaalaa Sirbootti geggeeffame

Hawaasni muslima godina Arsii aanaa Leemmuu fi Bilbiloo magaalaa Sirboo guyyaa har’aa, Miidiyaa Islaamaa yeroo jalqabaatiif Afaan Oromootiin tamsaasa isaa kan Saatalaayitii jalqabe Tv Nuuralhudaa eebbisee oole. Sagantaa eebba kana irratti hawaasni muslima magaalaa Sirboo fi naannawa isii lakkoofsaan hedduu ta’e masjiida Annasritti argamuun miidiyaa isaaf tumse jira.

Akkasumas Ulamaa’onni, Ustaazoonni fi , keeysummoonni iddoo gara garaa irraa affeeraman sagantaa kana irratti argamuun, hawaasni muslimaa miidiyaalee isaa akka jabeeffatu fi deeggarsa barbaachisu hunda akka taasisuu qabu dhaamsa dabarfatan.

Keeysummoota sagantaa seenaa qabeessa ta’e kana irratti argaman jidduu
Sheikh Muhammadamaan Odaa
Haaj Ibraahim Shaafoo
Sheikh Abdussalaam Kadiir
Sheikh Nasraddiin Amaan
Sheikh Mussaa Khadiir
Ustaaz Abdurrahmaan Huseen
Sheikh Abdallaah Idriis
Sheikh Mas’uud Nuuraa
Ustaaz Ibsaa Hasan
Sheikh Mikaa’il Huseen fi keeysummoonni biroottis argamuun qooda fudhatu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button