header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Suudaan Hidha Laga Abbaay bishaaniin guutuuf waliigaltee akka mallatteessitu gaafii Ityoophiyaa irraa dhihaateef diduu beeksiste

Ministeerri Jallisii Suudaan ibsa kaleessaa baaseen, Ityoophiyaan hidha laga Abbaay ji’a Adoleessaa dhufu irraa eegaltee bishaaniin guutuuf karoora qabatte galmaan gahuuf, Suudaan iddoo Masri hin jirretti karooricha deeggartee akka walii galtee mallatteessitu kan gaafatte tahuu beeksise. Haata’umalee Muummichi Ministeera Suudaan Dr. Abdallaah Hamdook Xalayaa gita isaa Muummicha ministeeraa Dr. Abiy Ahmad’f barreesseen “Hidhicha bishaaniin guutuun duratti biyyoonni sadeen marii jaarsummaa Ameerikaatiin jalqabamee turetti hatattamaan deebi’uun waliigaltee guutuu tahe irra gahuu qaban”jechuu isaa odeeyfannoon ni addeessa.

Mootummaan Suudaan akka jedhutti, kanaan duras wixinee waliigaltee Ameerikaa keessatti qophaahe iddoo Ityoophiyaan hin jirretti akka mallatteessitu Masri irraa gaaffii dhihaateef kan didde tahuu ibsuun, ammas ijjannoo walfakkaatu qabaachuu beeksiste.

Suudaan kanaan dura yeroo dheeraaf dhimma hidha laga Abbaay irratti Ityoophiyaa kan deeggaraa turte yoo tahu, yeroo dhihoo asitti garuu yaada isii kan jijjiirte tahuu gabaafame.

Suudaan xalayaa amma Ityoophiyaa ergite keessatti, Hidha laga Abbaay bishaaniin guutuun osoo hin jalqabaminiin dura, dhimmoota teeknikaa fi heera irratti walii galtee irra gahuun dirqama tahuu ibsuun, keessumattuu biyyoonni sadeen qindoominaan to’annoo hidhichaa haalli irrattii hirmaatan, akkaataa ragaalee walii dabarsaniin, dhimma nageenya hidhichaa, eeggumsa naannoo fi dhiibbaan hawaasa irraan gahuu akkamitti sirreeffama qabxiileen jedhan walii galtee kan barbaadan tahuu ibsite.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button