AwrooppaaOdeeyfannoo
Xaaliyaaniitti sa’aa 24 keessatti, Namoonni 349 sababa Dhibee Koroonaa Vayirasiin lubbuu dhaban

Biyyoota addunyaa sababa dhibee kanaan lakkoofsi namoota du’anii guyyaa irraa guyyaatti itti dabalaa jiru jidduu tokko kan taate, Xaaliyaaniitti guyyaa har’aa qofa namoonni 349 du’uu mootummaan Xaaliyaan beeksise.
Guyyaa kaleessa fi har’aa yeroo sa’aa 48 hin geenye keessatti namoonni 700 ol sababa dhibee kanaan du’anii jiru, walumaagalatti guyyaa dhibeen kun biyyattiitti dhagayame irraa kaase lakkoofsi namoota du’anii 2,158, kan qabamanii 27,980, kan bayyanatan immoo 2,749 tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Walumaagalatti guutuu addunyaatti Vayirasiichi biyyoota 160 keessatti nama 181,218 irratti argamee jira,namoonni 7,121 kan du’an yoo tahu, namoonni 78,328 bayyanatanii jiru.
As wr wb akkami jirtaa war dhabata rediyoo fi TV nural huuda
إن لله وانا اليه راجعون xaliyyani kunii biyyaa musilimatti moo.?
innaa lillaahi wainnaa ileyhi raaji’uun