header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Balaan ibiddaa Doonii Raashiyaa muudate lubbuu nama  14 galaafate

Dooniin Raashiyaa  humna Baatrii Niwkilariitiin Sochootu garba Arktik keessatti qorannoo addaa kan gaggeessaa turte yoo tahu, balaa ibiddaa Baatrii irraa ka’een guyyaa 3 dura gubachuu  gabaafame.  Haata’u malee Raashiyaan jalqaba balaa kanaa dhoksitee kan turte tahus, Prezdaant Vlaadmiir Putiin guyyaa har’aa ministeera ittisa biyyattii waliin eega mari’atee booda, balaa doonii qorannoo irra gaheen lubbuun lammiilee biyyattii 14 dabruu mirkaneesse.

 

Ministeerri ittisa biyyattii Sergei Shoigu gama isaatiin ibsa kenneen,  namoonni heddu balaa kana irraa kan baraaraman tahuu ibsuun, Baatriin humna Niwkilarii  ibiddi itti qabatee tures doonii irraa adda bahee kan ukkaamfame tahuu hime.

 

Balaan Doonii Raashiyaa humna Niwkilariitiin sochootu irra gahuun eega gabaafamee booda,  Norweey dabalatee biyyoonni olla Raashiyaa, mootummaan biyyattii dhimmicha irratti odeeyfannoo gahaa akka kennuuf  gaafataa kan turan tahuu Aljaziiraan gabaase.

 

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button