header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Walitti bu’iinsa Naannoo Benshaangulitti ka’een dhalattoonni Oromoo 17 ol ajjeefaman

Naannoo Benshaangul iddoowwan DaalattIi, Odaa Goodarree,  Qooncoo fi Sirbaa jedhamanitti walitti bu’iinsa  saboota Bartaa fi Oromoo jiddutti ka’een, yoo diqqaate  dhalattoonni Oromoo 17 haala sukkanneessaa taheen akka  ajjeefamanii fi namoonni heddu immoo buqqifamanii Naannoo Oromiyaa Godina Wallagga lixaa magaalaa Mandii keessa kan qubatan tahuu jiraataan naannawa san irraa bilbilaan dubbisne nuuf hime.

 

Akka Jiraataan naannichaa kun jedhetti,  dhalattootni saba Bartaa Oromoota  naannichaa bakka arganitti akka horiitti qaluun haala sukkanneessaa taheen ajjeessa jiran.  Ka’umsi walitti bu’iinsa kanaa qabatamaan kan hin beekkamin yoo tahu, hanga Khamiisa kaleessaatti qaamonni mootummaa ajjeechaa kana  dhaabsisuu kan hin danda’in tahuun beekameera.

 

Walitti bu’iinsa kana hordofuun maatiin 300 ta’an qe’ee isaanii irraa buqqifamanii mana barumsaa Sadarkaa 1ffaa Mandii keessatti qubatanii akka jiranii fi haaluma walfakkaatuun, namni 250 ta’an ammoo  aanaa Mandii iddoo Qooncoo jedhamutti kan argaman tahuu odeeyfannoon arganne ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button