header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Hoggantoonni Mootummaa Afgaanistaan Angoo walii qooduuf walii galuu beeksisan

Komishiiniin filannoo Afgaanistaan bu’aa filannoo Prezdaantummaa September 28/2019 geeggeeffamee ture, ji’a shan booda February dabre yeroo labsetti, Prezdaant Ashiraf Gaanii sagalee 50.64% argachuun irra deebiin filatamuu beeksisee ture. Morkataa cimaa prezdaant Gaanii kan tahe, hojii geggeessaan mootummaa biyyattii Abdullah Abdullah ammoo sagalee 39.52% kan argate tahuu labsame.

Haata’u malee Komishiiniin Filannoo Afgaanistaan Prezdaant Ashiraf Gaanii irra deebiin filatamuu eega labseen boodas, Dr. Abdullah gama isaatiin filannicha injifatuu labsuun kophatti kaabinee mootummaa hundeessuu beeksise.

Kanuma hordofuun biyyattiin ji’oota muraasa dabran danqaa siyaasaa hamaa keessa eega turtee booda, guyyaa har’aa Hoggantoonni lamaan Angoo walii qoodanii biyyattii hogganuuf kan walii galan tahuu beeksisan. Dubbi himaan Dr. Abdullah Abdullah ibsa gabaabaa Twitter isaa irratti Alhada har’aa barreesseen, Prezdaantii Gaanii fi Dr. Abdullah Abdullah walii galtee siyaasaa mallatteessuu ibsuun, Dr. Abdullah mana maree Nageenya Biyyooleessaa kan hogganu akka taheefi, miseensonni paartii isaa ammoo Kaabinee mootummaa keessatti akka hammataman qabxiileen jedhan waliigalticha keessa jiraatuu beeksise.
Qondaaltonni lamaan waggaa shan duras filannoo prezdaantummaa irratti wal dhabuun, jaarsummaa Ameerikaatiin aangoo qoodatanii mootummaa walootiin biyyattii bulchaa kan turan tahuun ni beekama

Waliigaltee Afgaanistaan

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button