header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Sochiin daangaa Suudaan, Masriifi Eertiraa jiru haala yaaddessaa irra gahe.

Mootummaan Suudaan daangaa Masrii fi Ertiraa waliin qabdu irratti sochiin waraanaa cimaa dhufe kan isa yaaddesse tahuu beeksise.

Ministeerri haajaa alaa Suudaan Ibraahiim Ganduur ministeera haajaa alaa Itoophiyaa Dr Warqineh Gabayyahu waliin Alhada hara’aa Khartuum keessatti eega mar’atee booda ibsa kenneen, Mootummaa Suudaan sochiin waraanaa daangaa biyyoota ollaa irratti cimaa dhufe kan isa yaaddesse tahuu beeksise.

 

Ibrahiim Ganduur ibsa isaa kanaan ” Mootummaan Suudaan yeroodhaaf biyya kamiyyuu maqaa dhahee yakkuu fedhii hin qabu; haata’u malee keessumattuu daangaa biyya keenyaa gara bahaatiin sochiin waraanaa godhamaa jiru Suudaan irratti yaaddoo ta’ee jira. humnootni tokko tokko biyya keenya irratti xiyyeeffachuun balaa dhaqqabsiisuuf qophaayaa jiraachuu wanta hubanneef, daangaa keenya eeguudhaaf mootummaan humna dabalataan gamasitti ergee jira” jechuu isaa Anaadooluu Niiwus gabaase.

Ministeerri haajaa alaa Itoophiyaa Dr Warqineh Gabayehu gama isaatiin “rakkinni biyyoota ollaa keennaa jiddutti mul’atu karaa nagayaatiin ni hiikama jennee amanna; walhubannoon dogongoraa jidduu keenna yoo jiraate, karaa nagayaatiin mari’annee ni hiikna” jedhe.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button