header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Muummichi ministeera Israa’el Yakka Malaamaltummaatiin himatamee mana murtiitti dhihaate

Muummichi ministeera Israa’el Benjaamin Netaaniyaahuu Yakka malaamaltummaa cimaa taheen himatamee Alhada har’a mana murtiitti kan dhihaate yoo tahu, hogganaan Israa’el angoo harkaa qabu yakkaan himatamee mana murtiitti yoo dhihaatu, seenaa biyyattii keessatti inni kun kan jalqabaa tahuu gabaafame.

Beenjaamiin Netaaniyaahuu yakka Sanadii sobaa qopheessuu, matta’aa nyaachuu fi waada ummataa ganuun himatame. Manni murtichaa himannaa Abbaan Alngaa dhiheesse mummicha ministeeraatiif dubbisuun duratti, eenyummaa isaa akka ibsatu qofa carraa kan kenneef yoo tahu, jecha biroo kan irraa hin fuudhin tahuunis beekamee jira.

Haata’u malee muummichi ministeeraa boodarraa miidiyaaleef yaada kenneen, “Abbaan Alangaa Miidiyaa fi Poolisiin biyyattii waliin qindaayuun, hogganaa Paartii cimaa dharaan angoo irraa fonqolchuuf himannaa sobaa narratti banan malee, yakki ani dalage hin jiru”jechuun waakkate. Neetaniyaahuun itti dabaluudhaanis, diinagdee biyyattii kufaa jiru baraaruu, akkasumas weerara vaayirasii koroonaa too’achuuf cimsee kan hojjatu tahuu ibsuun, angoo kan gadi hin lakkisne tahuus hime.

Gama biraatiin ammoo manni murtichaa sa’aa tokkoo oliif himannaa irratti dhihaate eega caqasee booda, himannaa itti aanu caqasuuf July 19/2020tti beellamuu gabaafame. Haata’u malee Neetaaniyaahuun beellama itti aanu irratti qaamaan dhihaatuuf dirqama kan hin qabaanne tahuus ibsame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button