header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Balaan Kirkira Lafaa hamaan Lixa Iiraan kan rukute tahuu gabaafame

Balaan Kirkira lafaa Lixa Iiraan naannawa daangaa Iraaq Alhada har’aa rukute kun magnitudii 6.3tti kan shallagame yoo tahu, handhuurri balaa kanaa magaala Ilam jedhamtu irraa gama lixaa kilomeetra 114 irratti akka tahe gabaafame. Kirkira lafaa Iiraan keessatti muudate kana hordofuun, hollannaan lafaa magaalota Iiraq kanneen akka Baagdaadii fi Irbiil keessatti  kan dhagahame tahu miidiyaaleen mootummaa  Iiraaq gabaasan.

Kirkirri lafaa Saa’atii muraasa dura muudate kun lubbuu namaa fi qabeenya irratti balaan dhaqqabsiise hanga ammaatti kan hin beekamin yoo tahu, mootummaan Iiraan garee lubbuu baraartotaa gara naannawa balaa kanaatti kan bobbaase akka tahe gabaasni ejensii Odeeyfannoo Iiran irra argame ni ibsa.

 

Iiraan keessatti Kirkirri lafaa yeroo heddu kan muudatu yoo tahu, kirkira lafaa bara darbe naannawuma Lixa Iiraan kana rukuteen namoonni  600 ol kan du’an tahuun ni yaadatama.  Bara 2003 ammoo Kirkira lafaa Kibba biyyatti keessatti magaalaa Bam jedhamtu rukuteen,  namoonni 26,000 ol kan dhuman tahuu gabaasni arganne ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button