KoroonaaOdeeyfannoo

Abbaan Alangaa Federaalaa qajeelfamni haguuggaan fuulaa (Maskii) akka uffatamu dirqama godhu ragga’uu beeksise

Hoggantuun Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa Aadde Adaanech Abeebee fuula feesbuukii isii irratti, qajeelfamni haaraya bahe kun weerara vaayirasii koroonaa yeroo ammaa biyyattii keessatti hammaataa dhufe too’achuuf kan yaadame tahuu ibsuun, guyyaa har’aa irraa jalqabee namni kamiyyuu mana isaatiin alatti yoo bahe, iddoo hundatti huguuggaa fuulaa (Maskii) godhachuun dirqama tahuu beeksiste.
Aaadde Adaanech ibsa isii kanaan “biyyoota akka Braziil of irraanfachuun yeroo ammaa rakkoo hamaa keessa jiran irraa barannee, namni hundi mataa isaa, maatii isaa fi biyya isaatiif yaaduun of eggannoo cimsuu qaba”jette.
Dabalataanis hawaasni qajeelfamoota mootummaa fi ogeeyyoonni baasan hubatee, hojii irra oolmaa isaaniitiif qaamota seera kabachiisaniif akka ajajamus dhaamsi dabree jira.

Comment

Related Articles

Back to top button