header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannoo

COVID-19 UPDATE JUNE 02,2020

Ityoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota Vaayirasii Koroonaatiin qabamuu mirkanaahee 1,344 gahe.
Ministeerri Fayyaa ibsa Kiibxata har’aa baaseen, qorannoo laabiraatoorii sa’aatii 24 darban keessatti namoota 3,932 irratti geggeeffameen, namoota 87 irratti vaayirasiin Koroonaa argamuu beeksise.
Namoonni vaayirasichi irratti argame dhiira 59 fi dubartii 28 yoo ta’an, umriin isaanii 10-70 keessa tahuu ibsame.
Namoota kanneen jidduu 67 jiraattota magaalaa Finfinnee, 2 naannoo Tigiraay, 6 naannoo Oromiyaa, 7 naannoo Amaaraa, namni 1 jiraataa naannoo Hararii yoo tahu, namoonni 4 ammoo jiraattota naannoo Somaalee tahuu ibsi ministeerichaa ni addeessa.

Namoota guyyaa har’aa vaayirasichi irratti argamuu gabaafame jidduu 41 seenaa imalaa biyya alaatis tahee, nama kanaan dura vaayirasichaan qabame waliinis wal qunnamtii kan qabne tahuu gaabaafame.

Haaluma kanaan Ityoophiyaa keessatti baay’inni namoota Vaayirasii Koronaatiin qabamanii 1,344 kan gahe yoo ta’u, namoonni 231 ammoo dhibee kanarraa fayyuu ibsame.
Dabalataanis ministeerri Fayyaa ibsa har’a baase kanaan, namoonni 2  kan du’an tahuu beeksise. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaatiin du’anii 14 gahee jira.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button