OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Boordiin Majliisa Federaalaa Yaa’ii Waliigalaa Yaame

Manneen marii dhiimmoota Islaamummaa naannoolee fi koreen boordii Majliisa Federaalaa, Manni marii Ulamaa Itoophiyaa Yaa’ii waliigalaaa akka waamu gaafataa turan, Haata’u malee gaaffii isaanii kanaaf deebisaan osoo hin kennamin hafuun immoo jidduu isaanitti rakkoo uume.

Haaluma kanaan Ulamaa’onni Majliisa Federaalaa rakkoo Majliisa Federaalaa keessatti uumame ilaalchisee, February 11/2021 Ministeera Nageenyaa Waliin eega mari’atanii booda, hanga February 21/2021tti Kora Walii gala Yaamuuf waadaa galuun isaanii ni yaadatama.

Haata’u malee ammas ulamaa’oonni majliisa Federaalaa guyyaa jedhameeti Yaa’ii waliigalaaa osoo hin Yaamiin hafuu hordofuun, torban lama dura Boordiin Majliisa Federaalaa ibsa  baaseen,  kanaan dura yaa’iin waliigalaa akka geggeeffamuuf xalayaa yeroo sadi barreessee gaafatus, sababa hoggantoota mana maree ulamootaa muraasaatiin, yaa’iin osoo hin geggeeffamin turuun seeraan ala tahuu fi  Majliisonni naannolee heddu Yaa’iin walii gala Majliisa Federaalaa akka geggeeffamuu gaafataa jiraatuu beeksise.

Akkasumas March 1/2021 irraa eegalee Manni Marii Ulamootaa torbee tokko keessatti Yaa’ii walii gala yoo kan hin yaamne tahe, Boordichi Dambii ittiin Bulmaataa Majlisichaa irratti hundaayuun, ulamoota argamaniin Yaa’ii walii galaa kan gegggeessu tahuu akeekkachiisuun ni yaadatama.

Boordichi guyyaa harraa immoo, xalayaa ministeera nageenyaa fi qaama dhiimmi ilaalaatuuf barreesseen, Prezdaantii mana marii ulamaa Itoophiyaa irraa xalayaan yaa’ii waliigalaaa geggeessuuf akka fedhii hin qabne ibsu isa gahuu ibse.

Akkasumas boordichi dambii ittiin bulmaataa Majlisichaa irratti hunda’udhan, Yaa’ii waliigalaaa  Bitootessa11-12/2013 hootela Sharaatanitti kan yaame ta’u beeksise.

Comment

Related Articles

Back to top button