header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Waraanni Mootummaa Liibiyaa Magaalaa Tiriipoolii fi Naannawa isii guututti too’achuu beeksise

Waraanni Mootummaa Liibiyaa beekamtii UN qabu ibsa Khamiisa har’aa baaseen, magaalaa Triipoolii fi naannawa isii guutitti hidhattoota Khaliifaa Haftaar harkaa baasuu beeksise. Waraanni Jeneraal Khaliifaa Haftaar gama isaatiin akka himetti, loltoonni isaa naannawa magaalaa Triipolii keessaa bahuun, naannawa too’annaa isaa jala jiru kan biroo keessa maandheffatuu ibse.

Waraanni Khaliifaa Haftaar kan Emreets, Rashiyaa fi Masriin deeggaramu magaalaa guddoo Liibiyaa Triipolii, mootummaa beekamtii UN qabu harkaa baafachuuf lola hamaa geggeessaa ture. Haata’u malee mootummaan biyyattii deeggarsa waraana Turkiyaa irraa argateen loltoota Haftaar irra aanuun, nannoolee heddu deebisee to’achuu danda’ee jira. Haaluma kanaan Arba’aa kaleessaatis buufanni Xiyyaara Triipoolii bara 2014 irraa jalqabee hidhattoota Haftaar jala ture, guutumaan guututti to’annaa waraana mootummaa jala galuu gabaafame.

Haata’u malee magaalaa Sirti dabalatee naannoleen Liibiyaa gama bahaa fi Kibbaatiin Galaana Meedrtraaniyaan daangessan fi oomisha boba’aatiin beekkaman, ammas too’annaa loltoota Khaliifaa Haftaar jala jiraatuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button