COVID-19 UPDATES June 6, 2020
Ityoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasii koroonaatiin qabamuu mirkanaahe 1,934 gahe
Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa ibsa har’a baaseen, sa’aatii 24 darbe keessatti qorannoo laabratoorii 5500 geggeesseen, nama 129 irratti vaayirasiin koroonaa argamuu beeksise. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota vayirasichaan qabamuu mirkanaayee 1,934 gahee jira.
Namoota kanneen jidduu 75 dhiira; 54 ammoo dubartoota akka tahaniifi, umriin isaanii ammoo 1-90 tahuu ibsame. Namoonni 124 lammiilee Ityoophiyaa yoo tahan, kanneen hafan ammoo lammiilee Ameerikaa, Emreets, Afrikaa Kibbaa, Suudaan fi Eertiraa tahuu gabaafame.
Iddoon jireenna namoota kanneenii ammoo 101 jiraattota magaalaa Finfinnee, 10 jiraattota naannoo Amaaraa, 6 naannoo Somaalee irraa, 5 naannoo Tigraay irraa, 5 nannoo Oromiyaa yoo tahan, namni tookko nannoo Hararii tokko ammoo naannoo Gaambeellaa tahuu ibsi ministeerichaa ni addeessa.
Dabalataanis dubartii takka waldhaansaaf gara Hospitaala eega dhuftee booda akka duuteefi qorannoo booda irra godhameen vaayirasichaan qabamtee akka turte mirkanaahuu ibsame. Haaluma kanaan lakkoofsi namoota sababa avayirasichaatiin du’aniitis 20 gahee jira. Lakkoofsi namoota dhibee kana irraa bayyanataniitis 281 gahee jira.