header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Guutuu Addunyaatti lakkoofsi namoota dhibee Vayirasii Koronaan qabamanii 100,000 ol tahuu gabaafame

Dhibeen vayirasii Koronaa yeroo ammaa guutuu Addunyaatti saffisaan faca’aa jira, haga ammatti guutuu Addunyaatti namoonni 100,000 ol dhibee kanaan kan qabaman yoo tahu, Chaayinaatti lakkoofsi namoota du’anii 3,015 gahuu, akkasumas kutaa Addunyaa gara garaatti immoo namoonni 267 du’uu fi irra hedduun isaanii Xaaliyaan fi Iiraan irraa tahuu beekame.

Ministeerri Fayyaa Iiraan sa’aa 24 keessaatti namoonni 1, 200 dhukkuba kanan qabamuu fi hanga Vaayirasiin biyyattiitti dhagahame irraa kun halaan guddaa tahuu, Akkasumas lakkoofsi namoota du’aanii  immoo walumaagalatti 124 gahu ibse.

Faransaayiitti har’a qofa namoonni 200 ol dhibee kanaan qabamanii jiru, Indiyaa fi Kooriyaa kibbaatti lakkoofsi namoota faalamanii saffisaan dabalaa jiraatuu beekame.

Kaameruun,Toogoo,Sarbiyaa fi Vaatikaan keessatti namoonni dhibee kanaan qabamanii argamu qondaaltoonni ministeera Fayyaa biyyoota kanniinii beeksisan.

Kaameruun fi Toogoo dabalatee ardii Afrikkaa biyyoota 9 keessatti argame jira. Isaanis Naayijeeriyaa, Aljeeriyaa, Masri, Morokoo, Afrikkaa kibbaa, Tuniisiyaa fi Seenegaal.

Ameerikaatti lakkoofsi namoota qabamanii 150 gahe jira, namoonni du’aan 14 yoo tahu, Prezidaant Traamp, dhibee kana ittisuuf doolaara biliyoona 8.3 ramaduu beeksise.

Walumaagalatti Dhibeen kun biyyoota 96 ol keessatti argame jira, guutuu Addunyaatti lubbuu nama 3,412 galaafate, namoota 100,000 ol immoo qabatuu fi namoonni 55,996 fayyuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button