header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Boordiin Filannoo Itoophiyaa waldhabbii Paartii Badhaadhinaa fi TPLF jidduutti uumame furuuf Ooditaroota lama muude

Qindoomina paartilee afurin kan hundaa’e ADWUI diigamee gara Badhaadhinaatti jijjiiramuu hordofuun, Paartiilee afran jidduu paartiin naannoo Tigraayi bulchuu jiru (TPLF) mormee irraa bahuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan Boordiin Filannoo Biyyooleessa Itoophiyaa Amajjii 20, 2012 bu’ura labsii 1162/2011 irratti hunda’uun, qabeenyi dhaabbileen afuran ADWUI duraanii waliin qaban qoratamuun TPLF harka ¼, Paartiin Badhaadhinaa ammoo harka ¾ akka qooddan murteessee ture.

Hata’uu malee paartiileen lamaan qabeenya dhaaba isaanii kan duraanii jala ture qooddachuu irratti waldhabbuu gabaafame.

 Paartiin Badhaadhinaa qoodinsi qabeenyaa baay’ina miseensaa tokkoon tokko Paartiin Addichaa qabuun qoodamuu qaba jedhee iyyachuu isaa boordichi beeksiseera.

Boordichi dambiin seeraa paartichaa ”paartileen hundinuu qabeenya addichaa (ADWUI) fayyadamuuf mirga qabu” jedhu bu’uura godhachuun akka murteesse ibseera.

Haaluma kanaan, Boordichi Paartileen lamaan oodiitara filatan tokko tokko waliin ta’un, qabeenya dhaabichi qabu akka qoratan murteesse.

Paartiin Badhaadhinaa murtee amma kenname kan jijjirsisu ragaa ykn sanada yoo qabate, qaamolee qoratanif dhiheessuu akka danda’u deebii kennuu isaa boordichi ibse.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button