header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Hoggantoonni biyyoota garee G-20 Arjantiinaa keessatti wal gahii jalqaban

Biyyoonni garee G-20 jedhamuun beekaman biyyoota 19 kanneen diinagdee cimaa qabanii fi Gamtaa Awrooppaa yoo tahan, wal gahii isaanii kan waggaa Jum’aa har’aa Arjantiinaa magaalaa Buenos Aires keessatti jalqabanii jiru. Xiyyeeffannaan wal gahii isaanii dhimmoota diinagdee addunyaa fi jijjiirama haala qilleensaa yoo tahu, wal dhabbiin Raashiyaa fi Yukreen jiddutti dhiheenya kana muudate akkasumas ajjeechaan gaazeexeessaa Sa’uudii irratti raawwatame, gamanumaa yaada hoggantoota kanneenii kan gargar facaase tahuu odeeyfannoon arganne ni addeessa.

 

 

Prezdaantiin Turkiyaa Rajab Xayyib Erdogaan fi dhaaltuun Gonfoo Sa’uudii Muhammad Bin Salmaan wal gahii kana irratti kan hirmaataa jiran yoo tahu, Bin Salmaan wal gahii kana cinatti Erdogaan waliin mari’achuuf gaafii dhiheessuun isaa gabaafamee ture. Haa ta’u malee karoora marii hoggantoota lamaanii ilaalchisee hanga ammaatti wanti mirkanaahe hin jiru.

 

Haaluma walfakkaatuun hoggantoonni Ameerikaa fi Raashiyaa wal gahii kana cinatti lamaaniin mari’achuuf karoorfatanii kan turan yoo tahu, torbee darbe Raashiyaan markaboota Yukreen ugguruu isii hordofuun, Traamp wal gahii Puutiin waliin karoorfatee ture kan haqe tahuu beeksise.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

3 Comments

  1. Assalaamu’aleykum waraahmaatullah wabaarakaatuhu

    Maashaa Allah Rabbii isiin irraa haa jalaatu Jazaakallaahu keeyraan Umrii nuuf dheeraadha

    Jajjaabaadha Rabbiin sadaarkaa keessan oli haa fuudhu duniyaa akiiraalle.

  2. Assalaamu’aleykum waraahmaatullah wabaarakaatuhu

    Maashaa Allah Rabbii isiin irraa haa jalaatu Jazaakallaahu keeyraan Umrii nuuf dheeraadha

    Jajjaabaadha Rabbiin sadaarkaa keessan oli haa fuudhu duniyaa akiiraalle

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button