header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Prezdaantiin Afrikaa Kibbaa Jaakob Zuumaa taayitaa gadlakkise

Prezdaant Zuumaan qorannoo malaamaltummaa isarratti gaggeeffamaa jiruun walqabatee, paartiin isaa kan African National Congress(ANC) jedhamu  dhiibbaa cimaa kan irratti godhaa ture yoo tahu, taayitaa akka gadlakkisu yookaan ammoo paarlaamaa keessatti sagaleen kan isa irratti kennamu tahuu akeekkachiisaa ture.

Prezdaantiin Afrikaa Kibbaa Jaakob Zuumaa Roobii dabre haasaya ummataaf godheen,  Taaytaa isaa itti aanaa Prezdaantii biyyattii Mr Siiriil Raamaafoosiif akka dabarsee kenne ibsee jira. Sababaa murtii kana hatattamaan murteesseef  yemmuu ibsu, “dhimmoota heddu irratti paartii koo waliin waldhabbiin bal’ataa dhufee jira. Maqaa kiyyaaf jecha lubbuun baduu hin qabu. Akkasumas maqaan ANC baduu hinqabu. Kanaafuu prezdaantii Afrikaa Kibbaa ta’uun koo battalumatti akka dhaabbatu murteessee jira” jedhe.

Zuumaan nama umrii 75 yoo tahu, bara 2009 irraa hanga ammaatti prezdaantii tahuun biyyattii hoogganee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button